Kora Aadaa fi Artii Oromoo 4ffaa Yuunivarsiitii Ambootti Gaggeeffamaa jiru, Muddee 23/2018

Yuunivarsiitii Ambootti Korri Aadaafi Aartii Oromoo 4ffaa wal-taiinsa Yuunivarsiitii Ambootti Giddugala Aadaafi Qorannoo Looreet Tsegaye G/madinfi Instiitiyuutii Qo'annoofi Qorannoo Oromoo waliin ta'uun mata duree “Guddina Aadaa, Qo’annoo Aartii fi Seeneffama Waloo” jedhu irratti qophaae harra Mudde 23 bara 2018 irraa kaasee guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu ta`a.

Kora kanarratti hirmaattonni Waajira Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Biiroo Aadafi Turizimii Oromiyaa, Waajira Giddugala Aadaa Oromoo, Instiitiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromoo, Artistootafi Qorattoota Yuunivarsiitotafi dhaabbilee adda addaa irraa hirmaachaa jiru.

Haasawaa baga nagaan dhuftanii kan taasisan Pirezidantiin Yuunivarsiitii Amboo Doktor Baayisaa Lataa akka jedhanitti dhaloonni afaan, eenyummaa, seenaa, safuu, aadaafi duudhaa isaanii beekan oomishuufi isaanis ijaarsa biyyaa keessatti qooda akka fudhachuu danda`an taasisuu keessatti Yuunivarsiitiin Amboo wal-taiinsa dhabbilee biroo waliin uumun tattaafii guddaa taasisaa akka jiru ibsanii jiru.

Daarktarri Olaanaa Inistiitiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromoo kan taan Doktor Dirribaa Tarrafaa akka jedhanitti Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimma afaan, eenyummaafi aadaa irratti xiyyeefannaa kennuun qorannoo seenaa dabe sirreesuufi aadaa bade deebisuu keessatti amma ammatti kitaabota 88oli afaanota adda addaan maxxansuun hojiwwan baayyee jajjabeesafi nama boonsu hojechaa jiraachuu ibsanii; seenaa, aartiifi aadaa saba guddaa kanaa qorachuufi sanaduu keessatti hojiiwwan amma ammaatti hojjetaman xinnaa waan ta`aniif qorattoota kana irraa hojii ballan akka eegamu dhaamsa dhaamanii jiru.

Bakka Buaafi Itti Aanaa Ittigaafatatamaa Biroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa kan taan Gargaaraa Piroofeesaraa Daraaraa Katamaas Mootummaan Naannoo Oromiyaa haaromsaa aadaa amma jalqabe galmaan ga`uuf uummanni Oromoo aadaafi duudhaa isaa ganamaatti deebi’uun dhaloota aadaafi safuu beeku ijaaru keessatti hundi gahee isaa bahuu akka qabu waamicha dabarsanii jiru.

‎ Akka waliigalatti, kora kana irratti ‎buaawwan qorannoo 20oli ni dhiyaata.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *