Hubannoo Barattoota Sagantaa Fooyya’iinsaa, Yuunivarsiitii Amboo, Bitootessa 09/2015 ALI

Yuunivarsiitii Ambotti barattoota qormaata kutaa 12ffaa fudhatanii qabxii sagantaa fooyya’iinsaa (Remedial Program) argachuun gara Yuunivarsiitichaatti ramadamaniif Mooraa Guddaafi Moraa Hachaaluu Hundeessaa keessatti hubannoon waliigala guyyaa harraa kennameefii jira. Hubannoon kun dhimmoota barnoota waliin walqabtan, tajaajila barattootafi naamumsaa barattootaa irratti laatamee jira. Akka waliigalaatti, barattoonni qajeelfamaafi dambii Yuunivarsiitii kabajuun kaayyoo barnoota dhufaniif irratti xiyyeeffachuu akka qaban gorsi laatameefii jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *